Waamicha Walgahii WWDO Dargaggoota Oromoo DMV maraaf
Waldaan Walgargaarsa Dargaggoota Oromoo (WWDOn) yeroo muraasaaf quunnamtii/hojii sadarkaa koree gidduu qofaatti daangessee ture xumureee hamilee haarawaan hojii isaa idlee itti fufuuf qophii isaa raawwatee jira.
Akkuma kanaan, koreen gidduu WWDO walgeettii gaafa 04/13/2014 adeemsiseen hojii boonsaa fi bu’uuraa kan dargaggootaa fi uummata Oromoo walitti fiduu fi Network ijaaruu WWDOn hojjechaa ture caalatti itti fufuun barbaachisaa waan ta’eef haalawwan ittiin hamilee miseensota keenyaa fi dargaggoota Oromoo jabeessinuu fi humneessinu irratti tooftaa harawaan itti adeemuuf waan saganteessineef waamicha goonee karoora kana miseenotaa WWDO fi dargaggoota Oromoo (harawaa) naannoo kana jiraataniif ibsuun barbaachisa akka ta’e irratti walii galuudhaan murteessinee jirra.
Kanaaf, dargaggooti Oromoo naannoo Washington, DC, Maryland fi Virginia jiraatttan hundi Dilbata gaafa Caamsaa 11, 2014 guyyaa keessaa sa’aa 6:00w.b. irraa kaasee sagantaa addaa fi miseensas ta’e kanneen harawaa dhufuu malan hirmaachisu waan saganteesineef qophii kana irratti hirmaachuudhaan dammaqiinsaan waan dhimma mataa keenyaa irratti qooda fudhannee hojii ijaarsaa fi humneessa dargaggootaa naannoo kanaa fuunduratti akka furguggifnu kabajaan isin haffeerra.
Asumaan fedhii waliif biramachuu, yaadaa gamtaa uumuu fi hafuura tokkumaa ummata keenya keessatti hundee jabeeffachaa jirullee nuti dargaggooti yeroo itti caalatti jabeessinu irratti waan argamnuuf dirqama lammummaa keenya illee karaa itti ba’uu dandeennu akka yaada waliif hirru irra deebine waamicha lammummaa isiniif dhiyeessaa, rakkoolee ummati keenyaa fi biyyi teenya Oromiyaan yeroo ammaa keechatti argamtu ilaalchisees mariin ni gaggeeffama.
Bakki: Waajjira Jarmiyaa Hawaasa Oromoo
6212 3rd St NW
Washington, DC 20011
Bilbilli: 202-705-6585
Guyyaa: Dilbata Caamsaa 11, 2014 ykn 05/11/2014
Sa’a: 6:00 w.b.irraa kaasee
6212 3rd St NW
Washington, DC 20011
Bilbilli: 202-705-6585
Guyyaa: Dilbata Caamsaa 11, 2014 ykn 05/11/2014
Sa’a: 6:00 w.b.irraa kaasee
Dargaggoon Oromoo Irree Oromiyaati!!
Koree Gidduu WWDO
Koree Gidduu WWDO
No comments:
Post a Comment