Ayyaana Irreechaa Baranaa Laalchisee Waamicha Ummata Oromoo Maraaf!
Ayyaanni ummata Oromoo guddichi waggaatti gaaf tokko hawwii ol’aanaadhaan eegamu, Irreechi,
Dilbata dhufu Fulbaana 29, bara 20013 kabajamee oola. Ayyaana ummata Oromoo fageenya adda
addaa irraa waamee walitti fidu kana milkeessuuf sabboontonni Oromoo tattaaffii guddaatti jiran.
Hiree waggaatti gaaf takkittii argamtu tana irratti ummanni Oromoo miliyoonotaan bahee waan
hirmaatuuf, guyyicha guyyaa isaa (Annual Oromo Day) godhatee akka oolu beekamaa dha. Ayyaanni
kun raaw’annaa irreeffannaaf jecha Hora HarSadiitti kan geggeeffamu tahu illee, guyyaan kun
Finfinnee dabalatee magaalaalee fi baadiyyaalee Oromiyaa mara keessatti Guyyaa Oromoo tahee
oola. Ummanni Oromoo ayyaana isaa Irreecha sadarkaa kanatti ol guddifachuu kan danda’e qabsoo
waggoottan dheeraa dabran taasisaa baheeni malee kennaa mootummaa Wayyaaneetiin akka hin
tahinis ifa galaa dha.
Mootummaan Wayyaanee ayyaana Irreechaa waggaa waggaatti kabajamu tarkaanfii doorsisaatiin
gufachiisuu irraa of qusatee hin beeku. Waraanaa fi poolisa isaa keellaa keellaa irratti hiriirsuun
lammiilee Oromoo gara ayyaana kanaa deeman karaatti dhaabee sakatta’uu, saamuu, reebuu,
shamarran irraa huccuu aadaa baasee salphisuu fi tarkaanfiilee abaaramoo adda addaa fudhachuun
beekama. Haa tahuutii ayyaanni kun tarkaanfii gufachiisaa mootummaa kanaa dandamachuudhaan
daranuu waggaa irraa waggaatti hirmaattota kumoota danuu haaraya dabalachaa yoo deemu mul’ata.
Sirni Wayyaanee ayyaana Irreechaa baranaa gufachiisuu fi sagaleen Oromoo guyyaa kanatti
dhagahamee akka hin oolle taasisuuf shira haaraa baasee jira. Finfinnee keessatti hiriira humnoota
siyaasaa biroon waamamu guyyaa Irreechaa kana (Dilbata, Fulbaana 19) irra oolchuu filate. Waggaa
tokko keessatti guyyoonni 365 osoo jiranii ayyaana tokkicha Oromoon waggaatti gaaf tokko eegee
kabajatu kana harkatti fashalsuuf jecha hiriira kana guyyaa eerame kana irra oolchuun beekaatuma
ummata Oromoo irratti diinummaa jabeeffatuu dha.
Gochaa kana duubaan shirri jiru kan biraa, ummataa fi ummata walitti diruu dha. Hiriirri dhaaba
siyaasaa mormituu UDJ jedhamuun guyyaa kanatti waamame, sagalee ummata Oromoo ayyaana
Irreechaa ayyaaneffatee ooluu waliin akka wal rukutu gochuudhaan Oromoo fi Amaara wal irratti
duulchisuuf akeekkatame. Kanaan qabaniis sagaleen Oromoo miliyoonotaan guyyaa kanatti
dhagahamee oolu sagalee faallaa kan biraa (humna siyaasaa Amaaraatiin) akka bacancaree fashalu
taasisuuf hawwame. Guyyaa kanatti gaazexessitoonni biyya alaa ayyaana Irreechaa kan miiliyoonota
hirmaachisu dhiisanii hiriira kumoota muraasa (tarii dhibbootas tahuu danda’a) Finfinnee keessatti
geggeeffamu irratti qofa akka xiyyeeffatan taasisuuf kun godhame. Sagaleen ummata Oromoo
waggaatti gaaf tokkoof illee taatu akka addunyaatti hin dhagahamne danquuf shira kana shirani.
Ummata Oromoof waggaatti gaaf tokkittiif illee carraa addunyaatti dhagahamuu kana waakkachuu
caalaa diinummaan dhugaa hin jirtu. Kun hundi sodaa ummata Oromoo irraa qaban agarsiisa.
Ummanni Oromoo akka humnoota mormituu birootti karaa nagaadhaan hiriira bahee sagalee siyaasaa
isaa dhageessifachuu ummata waakkamtamee dha. Waggoota digdamii lamaan dabran keessatti
humnoonni mormituu biroon hiriirota kudhanootaan lakkaawaman biyyattii tana keessatti yoo
geggeeffatan Oromoon garuu eega ABOn Mootummaa Cehumsaa keessaa dhiibamee bahee booda
carraa akkasii guyyaa takkaaf illee wayta itti argate hin qabu. Lakkoofsa ummataatiin ammoo hunda
caalaa wayyabni isuma. Ummanni kun mirga karaa siyaasaa waakkatame karaa sirna aadaa isaatiin
falmachuuf waggaatti gaaf takkittii taatu illee miliyoonotaan bahuudhaan laalaa jiruu hacuuccaa kana
fakkaatu ayyaana Irreechaa irratti ibsatee oola. Ayyaana Irreechaa baranaa gufachiisuuf shira mootummaan xaxe kana lammiileen Oromoo
fashalsanii guyyicha guyyaa isaanii godhatanii ooluu irratti ammuma irraa of qopheessuu qabani.
Sabboontonni Oromoo ayyaana kana qopheessuu keessatti qooda qaban yaalii diinni ayyaana waggaa
Oromoo kana irratti gaaddidduu uumuuf taasisaa jiru of irraa ciranii sagalee Oromoo guyyaa kanatti
caalaa dhageessisuuf tarkaanfiilee jajjaboo fudhachuutu irraa eegama. Tarkaanfiilee kana keessaa inni
guddaan tokko, gaazexessitoota lammii alaa kan miidiyaalee gurguddoo alaaf hojjetan, fakkeenyaaf
kan akka BBC, CNN, Al Jazeera, VOA, Douche Welle, CCTV, Blumberg fi kan kana fakkaataniif
dursanii xalayaa afeerraa erguudhaan akka guyyaa san bakka seena-qabeessa kanatti argamanii
gabaasan taasisuu dha. Gaazexessitoota makiinaa dhunfaa hin qabneef geejjiba isaaniif barbaachisu
irratti abbootiin qabeenyaa Oromoo qooda gama isaanii akka gumaachan gochuutu danda’ama.
Kana malees waa’ee ayyaanichaa irratti hayyoota Oromoo bilchinna siyaasaa gahaa qabanii fi akka
gaariitti waan barbaadamu ibsuu danda’an dursanii filuudhaan akka isaan waa’ee seenaa, aadaa fi
amantii ummata Oromoo, akkasumas, gadi qabaa siyaasaa sabichi jala jiru addunyaatti himanitti haala
aanjessuu dha. Beektota Oromoo dandeettii afaan Inglizii qaban dursanii qopheessuudhaan akka waan
hayyonni aadaa Oromoo dubbatan hoggasuma Ingliffatti hiikanii geezexessitoota gargaaran taasisuu
dha. Gaazexessitoota biyya alaa kudhan yoo afeerre kana keessaa lama illee Hora HarSadeetti
argamanii yoo gabaasan waan salphaa hin tahu. Bara eger ammoo lakkoofsi kun akka kana caalaa
guddataa deemu irratti hojjechuu dha. Sagalee Oromoo kan diinni biyya keessaa ukkaamsuu barbaadu
ukkaamsaa keessaa baasee wanni addunyaatti dhageessisu tarkaanfiilee akkasii kana.
Ayyaana Oromoo diinni bacancarsuu barbaadu kana xiiqeffannoodhaan caalaatti miidhagsanii
ayyaaneffatanii ooluuf Oromoon marti dhiiraa dhalaa, xiqqaa guddaa, Muslima Kiristaana, Bahaa
Dhiha, Kaabaa Kibba… osoo hin jenne Oromummaa isaatiin jigee bahee sagalee isaa akka
dhageessifatee oolu waamicha seena qabeessa dabarsina. Ayyaana kana irratti magraa fi ilillii baatanii
irreeffatanii galuu qofa osoo hin taane dhaadannoolee sagalee fincila diddaa gabrummaa calaqqisan
waloodhaan dhageessisuunis akkaan barbaachisaa dha. Hireen Oromoon qabu waggaatti guyyittii
takkittii tana hanga taatetti hunduu tokkummaadhaan irratti argamuutu irraa eegama. Sagaleen
tokkummaa kunis akka itti kaameeraa gaazexessitoota alaa keessa seenu irratti jabaatanii hojjechuu
feesisa.
Gara fuula diraatti ayyaanni Irreechaa handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti Hora Finfinnee
(Finfinne Spring Water [Fil-Wuhaa]) irratti ummata miliyoonota hirmaachisee waggaa waggaatti
akka kabajamu taasisuuf , akkasumas, Irreechi ayyaanota ummataa (public holydays) biyyattii
keessatti galmaawee lakkaawwii guyyaa (calendar) keessatti toora qabatee akka beekamu taasisuuf
qabsoon asuma irraa jabaatee akka itti fufuu qabu dhaamna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Fulbaana bara 2013
No comments:
Post a Comment